Judges 20:35 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi askarti Israeli worra Benjamini dabsachiise. Worri Israeli nama kuma diddami shanitiifi d'ibba toko ijeese,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi worra Biiniyaamii isaan afo'oo dhaye, guyyaa san ijoolleen Israa'elii worra Biiniyaamii keessaa namoota kuma diddamii shaniitii fi namoota dhibba tokkoo fixan; worri du'u kunniin namoota guraade'een lolu turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Israa'elooti worra Beniyaaminii akka injifatanu godhe. Israa'elootille guyyaa san loltoota Beniyaaminii ta shallaagaa hidhatte kuma diddamii shanii fi dhibba tokko ijjeesane.