Judges 20:40 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani akheekhi kaani mullate, aari guddaani aka dumansa dira keesa olbahe. Worri Benjamini kaani ufi duuba millannaani dira ch'ufa ka gubate bobau arge mame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa malkanni utubaa aaraatiin qacha'aa bawuu jalqabe, worri gosa Biiniyaamii yoo uf duuba gara galanii laalan, ibiddi qachatti'itti qabatee, arrabni ibiddaa hennaa qachattii keessaa ol bawu argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee duumensi aaraa qachaa keessaa yennaa ol ka'iisa jalqabe, worri Beniyaaminii ifiin duuba garagalanee, aarri qachaa duudi'ii gara gubba'aa ka'uun dhaggane.