Judges 20:48 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli garagale d'iirafi nad'eenifi ijoolle ammalle horile ch'ufa fit'e, dira arda suni ch'ufa gube.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii ammallee worra Biiniiyaamiititti deebi'anii qachaa maraa, hori'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixan; qachaa argan maraa ibiddaan guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane.