Judges 3:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Ehudini fulla d'akha boch'ani ka Gilgali d'aatu garagale, Egloniti deebie waan jed'eeni, Ee hayyicha, anini d'aamsa kobati siti himu qaba. Duuba hayyuuni waan hojatu ufiitini jed'e, Mana keesa gayaa! Duuba worri ch'ufti gayaae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eehuud garuu karaa Gelgela'aa ka dhaaba dhagaa waaqa tolfama'aatiin gara mooti'ii deebi'ee, «Mootii'i! ani amma waan dhossa'atti sitti himu qaba» jedhe; mootiinillee, «Cadhi!» jedheen. Namoonni mootii bira jiranillee biraa bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi'ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa'aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa'a» jedhe. Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane.