Judges 4:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja Barakani duula ufiitini worra had'e, AABBO Waaqi Siserafi gaari isaatifi duula isaa ch'ufa worerse baqachise. Siserani gaari ufi iraa bue, miilaani baqate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Siisaaraa konkolaataa fardaatii fi loltoota isaa maraa guraade'een Baarqiin afo'oo ari'e; hennaa san Siisaaraan konkolaataa fardaa irraa bu'ee lukaan dheesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Baaraaqi loltoota ifii woliin jara loleen, Mootiin Waan Maraa Siisera'aa fi loltoota isaa, garreettaa isaa ka fardo'oon harkifamu maralle joonjesse. Siiseraalle garreettaa sibiilaa ifii ka fardo'oon harkifamu irraa bu'ee, miilaan dheete.