Judges 4:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barakani Sisera barbaadu d'ufe jennaani, Yaelini fuula keesa deemte, yoyifate waan jetteeni, kooti, nama atini barbaadu si garsiisa. Duuba inni isi gula olseene Sisera ka due ch'iisu, ka d'isani mata isaa keesa eju arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Baarqi Siisaaraa faana dhayee dhufu, Iyyaa'el ijatti baatee, «Koottu! nama ati soqa'aartu sitti mudhisaa» jetteen; innillee hennaa gara daase'ee seenu, Siisaaraa ka woraannamee du'eeru arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baaraaqi Siiseraa ari'aa yennaa dhufe, Yaa'el isa fudhatiisaaf gad baatee, «Asi koy! Nama ati barbaaddu si'itti mudhisa» jetteen. Maarre inni isii woliin gara keessaa yennaa seene, togaan dunkaanaa guunaa gurra Siisera'aatitti danqaramee, du'ee ciiseeruun dhagge.