Judges 5:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti Gadi Yordani ilaboruti hafte, gochiti Danileeni hobolo birati hafte. Gochiti Asheri afaani galaanati hafte, d'aatu bisaaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gala'aad Yoordaanosiin gama taa'e; Daan maaf markaba keessatti hafe? Aseerillee qarqara galaanaa taa'e. Afaan lagaatitti hara baafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti turte; sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte? Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa, addee buufata hobolo'oo turte.