Judges 6:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani AABBO Waaqaa olla Ofrati d'ufte, mukha gudda toko ka Yoashi gosa Abiezeri, jala teete. Hojja suni ilma isaa Gideoni dargaye, fulla daad'i, iti mid'aasaniti d'ossaani d'aanuti jira, aka worri Midiani isaa inagarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa maleekkaan Rabbii dhufee ganda «Oofraa» jedhamtee waamamtuu dhufee muka qilxu'uu ka Iyyo'aasii nama gosa Abi'eezarii jala taa'e; ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon hulee woyinii itti cuunfan keessatti worra Miidiyaamii jalaa dhokatee qamadii dhayata'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa dhufee, qilxaa ollaa «Ofraa» jedhamu keessa jiru tokko jala tee'e; qilxaan sun ka Yo'aasii sanyii Abii'ezerii ti; yennaa san Giidewon ilmi Yo'aasii worra Miidiyaanii jalaa dhoffatiisaaf, addee woynii itti cunfanutti qamadii dhowatiisatti jiraayyu.