Judges 6:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gideonini waan jed'eeni, Aabbo Sila wo si gaafachu fed'a, yo d'uguma AABBO Waaqi nu woliini jiraate, wonti kunini ch'ufti maanifi nu d'aqabdi? Wonti mama ka duri inni abbooti teenna tolche, ka nu worra ira d'ageenne — aka inni worra lafa Misiri keesa baase meeti? AABBO Waaqi ya lafa nu buuse harka worra Midianiti nu lakise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Geedewoonillee, «Gooftaa kiyya! uduu Rabbi nu woliin jiraatee, maaf wonti akkanaa kun nu irra gaya? Maalaleen abboonni teenna Rabbi biyya Misirii keessaa nu baase jedhanii nutti himan meeti? amma garuu Rabbi nu dhiiseera, dabarsee harka worra Miidiyaamiititti nu kenneera» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya! Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraate, wonni kun marti maaf nu dhaqqadde ree? Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, bilbaasi inni godhe ta abbootiin teenna nutti hinte meet ree? Amma ammoo, Waaqi nu gatee harka worra Miidiyaaniititti dabarsee nu kenneera» jedheen.