Judges 6:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Halkani suni AABBO Waaqi waan Gideonini jed'e, Korma abbeetitifi korma d'ibi, ka ganna torba, fuud'i, waan abbaani kanke waaqa Baali jed'ani sorio irati baasu ch'ach'absi. Akheekha waaqa Ashera jed'ani, ka d'aatu eju, ch'iri balleesi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi galgaluma san Geedewooniin, «Sangaa abbeetii ka woggaa torbaatii fi sangaa biraallee fuudhii hulee ciinca'aa ka abbaan kee ba'aaliif ijaare diigi; waaqa tolfamaa isa bira jirtu ta ‹Asheeraa› jedhamtee waamamtu ta fakii intalaallee diigii balleessi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkan san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Korommii abbaa keetiitii fi korommii dhibii ka woggaa torbaa fuudhi; addee ciinca'aa ta abbaan keeti Ba'aaliif ijaare diigiitii, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka cinaa san jiru butuchi jissi.