Judges 6:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yoashini waan worra isati baafate sunini jed'e, Isani Baali kalchitani isa qarqaaru feetani? Nama isaa kalchu ch'ufa, ato lafti imbariine, fit'ani. Hojja Baalini Waaqa taate ha ufi qarqaaruti, wonti ch'ach'absani suni ch'ufti kama isaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan Geedewooniillee deebisee, «Ba'aalii isintu mormaa? mo'o isintu isa hambisa? namni isaa mormu maruu boru ganama haa ajjeeffamuu; ba'aal garuu yoo Rabbiin ta'e, nama hulee ciincaa isaa diige woliin haa falmatuu!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yo'aas ammoo worra isa marsanee dhaabbataneeranu duudi'iin, «Isin Ba'aaliif falmitanii? Yookiin isaaf golii teetanii? Nami isaaf falmu duudiin boru ganama hin ijjeefama. Ba'aal waaqa yoo te'e, nama addee ciinca'aa butuchee jisse san inninuu falmatuu ti!» jedhe.