Judges 6:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri aka awaanisa loonifi waaro worraatini lafati baafate, gaali worraleeni lafa ira dabre toachu dad'abani. Duuba d'ufani lafa barbadesani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii daase'ee fi horii isaanii fudhatanii akka gurmuu Awwaannisaatitti isaanitti duuda'aa turan; laakkobsi isaaniitii fi ka gaala isaanii bikka hin qabu; kunniin maruu lafa isaanii jalaa balleessu'uuf dhaqa'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan akka tuuta awwaannisaa, hori'ii fi dunkaana ifii woliin waan dhufaneef, namootaa fi gaalota isaanii laakkowiisa hin dandeenne; isaan dhufanee lafa san balleessane.