Judges 7:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato jari Gideoni magalata ufi d'au, AABBO Waaqi duula nyaapa kaani wolti kaase, worri had'e woli balleese. Duuba worri gara Zarethani Serera baqate Beth-Shitani bahe, haga dira Beth-Mehola, ka d'aatu Tabathi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni dhibba sadihii Geedewooniin woliin xurumbaa afuufan; Rabbi namoonni Miidiyaamiitii fi loltoonni isaanii maruu wolitti gara galanii guraade'een akka wol fixan godhe; loltoonni isaanii karaa Sireeroo'aatiin haga Beetishixa'aa, achiillee haga daangaa Abelimihoola'aa dheessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti Giidewonii dhibbi sadiin sun tultullaa ifii yennaa afuufane, Mootiin Waan Maraa loltooti Miidiyaanii shallaaga'aan akka wolitti ka'anu godhe; isaan shallaaga'aan wol lolanee, gara qachaa Zereera'aatitti fuula galane gara qachaa Bet-shitaahititti, achille'een haga meessaa qachaa Abeel-meholaa ka Xabaat bira jiruutitti baqatane.