Judges 7:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gideoni lafa gaareeni Efraimu ch'ufa keesa nama erge ka, koota worra Midiani had'a, galaana Yordanitifi laga haga dira Beth-Bara gahu taaku d'owa jed'u. Duuba jara Efraimu ch'ufa wolti yaamani galaana Yordanitifi laga haga Beth-Bara gahu achi geesani, aka worri nama taaku d'owu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Geedewoon worra gaara Efreemii gubbaa jiran maratti ergee «Koottaa gad bu'aatii laga Yoordaanosiititti gad bu'aa karaa Beetibaara'aatiin gad bu'aa karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun qabadhaa'a» jedhe. Namoonni Efreemiillee wol gayanii karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun Beetibaara'aa haga Yoordaanosii qabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Giidewon worra biyya koobittii Efreemii gubbaa le'u maratti namoota ergee, «Gara worra Miidiyaanii gad bu'a'aatii isaan lola'aatii, laga Yordaanosii haga Bet-baraatii adoo isaan hin qabatin dura qabadha'a» jedhe. Tanaaf namooti Efreemii marti waamamanee, laga Yordaanosii haga Bet-bara'aatitti qabatane.