Judges 7:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waaro hayyoota Midiani lamaani, Orebufi Zeebu qaqabe; Orebu fulla d'akha Orebuti ijeesani, Zeebu fulla daad'i iti mid'aasani ta Zeebuti ijeesani. Ammalle worra Midiani reebani mata Orebufi Zeebu, Gideonitini d'ufani, ka yo suni galaana Yordani gama ilaboru jiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota gugurdaa Miidiyaamii lamaan Heereebii fi Zeebiin qabanii Heereebiin dhagaa qarsa'aa ka «Heereeb» jedhamu biratti ajjeessan; Zeebiiniin garuu, «Hulee woyinii itti cuunfan ta «Zeeb» jedhamtu biratti ajjeesan; worra Miidiyaamii ari'anii mataa Heereebiitii fi mataa Zeebiinii kutanii laga Yoordaanosii gamatti Geedewoonitti fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan sooreyyii Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb booji'anee, Oreeb addee rassaa maqaa isaatiin, «Oreeb» jedhamee moggaafametti, Ze'eebille addee Cunfaa woyni'ii ta maqaa isaatiin, «Ze'eeb» jedhantee moggaafantetti ijjeesane; mataa Oreebiitii fi mataa Ze'eebii kutanee, gara Giidewonii, ka laga Yordaanosiitiin gama gara lafa baya adu'uu jirutti geessane.