Judges 8:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Zebafi Salmunani Karkori jirani, duula ufi woliini. Nami duula, ka worra ilaboru ka hafe, nama kunki kud'ani shani ch'alla; nama kunki d'ibba tokofi diddama ch'ufa yayu ijeesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Zaabiheelii fi Silmaanaan loltoota isaanii woliin hulee Qarqaar jedhamtu turan; worri guraadee harkaa qaban namoota kuma dhibba tokkootii fi namoota kuma diddamaatitu dhume.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Zeba'aa fi Zalmunaan loltoota ifii woliin qachaa Qarqorii keessa jiraniiyyu. Loltooti kum dhibba tokkoo fi kum diddam waan ijjeefamaneef, loltoota kolbaa gara lafa baya adu'uu mara keessaa, loltoota gara kuma kudhanii shaniititti hafe.