Judges 8:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Zebafi Salmunani waan Gideonini jed'ani, Atumaani kai, nu ijeesi, atini d'iira, d'iirti woma insodaatu. Duuba Gideonini worra hobaase faaya worri morma gaala worrati hid'u ch'ufa iraa ch'irate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Zaabiheelii fi Silmaanaan garuu Geedewooniin, «Hunni namaa akkuma guddinna nafaatiinii ati ka'iitii nu ajjeesi» jedhaniin; Geedewoonillee ka'ee Zaabiheelii fi Silmaanaa ajjeesee mixaabirrii gara garaa ka morma gaalaa irra jiru maraa fudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Zeba'aa fi Zalmunaan, «Jabeenni namaa haguma abbichaa ti; tanaaf atinuu ka'iitii nu ijjeesi» jennaan, Giidewon ka'ee isaan ijjeesee, meya seesaa ka morma gaala isaanii irra jiru fudhate.