Judges 8:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gideonini worqi suni fuud'e, waan aka waaqa kad'atani mid'aase, dira isaa ka Ofra keesa kaye. Worri Israeli ch'ufti waaqa lakise, achi yae woni suni kad'ate. Wonini sunini t'urura Gideoniifi worra isaati taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Geedewoon waan kanniin uffata faayaa ka gad diratan hojjatee qachattii keessa hulee oofraa jedhamtu kaaye; worri Israa'elii maruu Rabbiin dhiisanii uffata faayaa ka Geedewoon hojjate sanii sagannaan uffanni kun Geedewoonii fi maatii isaatitti siiboo isaan qabu ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Giidewon worqii san irraa woyaa hayyumma'aa ta qomaa hujee, qachaa ifii ka «Ofraa» jedhamu keessa keye. Israa'elooti martinuu Waaqaaf addatamuu dhabanee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa san waaqonfatane; wonni kunille Giidewonii fi maatii isaatiif tiyyoo teete.