Judges 8:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qarale Waaqi hayyoota Midiani Orebufi Zeebu harka keesaniti kenne. Wonti anini tolche, ka sunini wolbira qabani, maani? Inni akasi jed'e jennaani worra dallansuuni iraa galte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi jajjaboota Miidiyaamii Heereebii fi Zeebiin harka keessan jala oolcheera; wonti ani godhe ka waan isin gootan fakkaatu mee kami?» isaaniin jedhe; inni kana jennaan isaan lash jedhanii aaruu dhiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi sooreyyii gugurdoo worra Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb harka keessanitti dabarsee kenneera. Ani ammoo haga isin hujjane kana maan huje ree?» jedhe. Inni yennaa tana isaaniin jedhe, aarii caffatane.