Judges 8:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gideonini, ilmi Yoashi, jaare fulla gahe due, awaala abba isaa Yoashi keesati awaalani, fulla dira Ofra ka balbala Abiezeri.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi Iyyo'aasii Geedewoon akka mishaa jiraatee jaaree du'e; huleen isa itti awwaalanillee qachaa worra Abi'eezirii bakka oofraa jedhamtu hulee abbaan isaa Iyyoo'aas itti awwaalametti awwaalame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Giidewon ilmi Yo'aasii guddatee dulloomee du'ee, qachaa Ofra'aa ka sanyii Abii'ezerii keessatti, addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.