Judges 9:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana, yo d'uguma wonti isaani Gideonifi worra isaa tolchitani d'ugaa taate, wald'aqa nagayaani woliini taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa isin Geedewoonii fi maatii isaatii yoo dhuga'aa fi qajeellumma'aan waan mishaa gootan seetan, Abemelekitti gammadaa'a; innillee isinitti haa gammaduu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma yoona, wonni isin Giidewonii fi maatii isaatiif gootane, qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo teete, Abiimelekitti gammada'a; innille isinitti gammaduu ti.