Judges 9:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan isani worra Shekemutiini jettani, Akamiti ira isanii jira yo, ilmaani Gideoni torbatamanu isani mohatte mo, yoyu nami toko ch'allaani isani mohate? Qaabad'a, anini foonuma keesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Banii firoota ufii ka biyya Seekeemii jiraatan sanniiniin akkana jedha'aa gaafadhaa'a jedhee isaanitti hime; ‹Ka ijoolleen Geedewoonii torbaatamni isin bulche woyya mo'o ka namni tokkochi isin bulche woyya? kanniin keessaa kamiin filattan? Abemelek akka fira keessan ka foonii ta'e hin dagatinaa'a.› » jedhee isaanitti dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worra qachaa Sheekemii keessa le'u duudi'iin, ‹Ilmaan Giidewonii torbaatam marti, isin bulchitu woyya moo nami tokko callaan isin bulchu woyyaa?› jedha'aatii gaafadha'a. Ani dhiigaa fi foon keessan akka te'elle qaabadha'a» jedheen.