Judges 9:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo d'uga intahini ibidi Abimeleki iraa bobau ha worra Shekemutifi Bethmilo gubu. Ibidi worra Shekemutifi worra Bethmilo ira bobau ha Abimeleki gubuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo kana ta'uu baate garuu ibiddi Abemelekiin keessaa bayee namoota Seekeemiitii fi Beetimiilooniin haa fixuu, namoota Seekeemii Beetimiilooniin keessaallee ibiddi bayee Abemelekiin haa fixuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoo tun hin te'in ammoo, Abiimelek irraa ibiddi ka'ee, worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo gubee fixuu ti; akkasuma ibiddi worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo irraa ka'ee, Abiimelek gubee fixuu ti» jedhe.