Judges 9:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Shekemu, worra Abimeleki gaadu, fiit'e gaara gubba kaye, duuba worri nama kara suni bahu ch'ufa saame. Dubbi tana Abimelekiti himani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Seekeemii Abemelekitti sababaa kaasu'uuf gaara irratti lola dhossa'aa lolan, worra imala deemu hin saaman; Abemelekillee waan kana dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf worri Sheekemii Abiimelek irratti ka'ee, qaccee gaaraa irratti namoota riphanee isa eeganu keyanee, namooti sun worra karaa san taru duudii saamane. Abiimelekille waan kana mara dhage'e.