Judges 9:49 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani nami ch'ufti dame mukha kutate, Abimeleki gula deemani, dame mukha taani ch'ufa mana jaba kaaniti tuulani, ibada iti kayani worra mana jaba suni keesa jiru, d'iirafi nad'eeni ka haga kuma toko, gubani hobaasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin maruu akkuma inni isaaniin jedhe deemanii damee mukaa muranii Abemelekiin faanaa deemanii naannoo kushe'eetitti tuulanii ibiddaan guban. Namoonni Seekeemii guyyaa san dhiirrinii fi dubartoonni namoota kuma tokkootitu dhume.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre nami marti damee mukaa muree, Abiimelek gula deeme; damee mukaa san kushe'etti irkisanee tuulanee, namooti adoo kushee san keessa jiranuu ibiddaan gubane; tanaaf worri xelleephoo Sheekemii keessa jiru duudiille, dhiirtii fi dubartooti gara kuma tokkoo du'ane.