Lamentations 1:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini kad'aa harka oliqabad'e nama na qarqaaru d'abe. AABBO Waaqi garuma ch'ufani ya nyaapa nati bane, aka waan t'urae badeti na heregani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tsiyoon harka ufii badhifte; ka isii jajjabeessu hin jiru; ollaan isaa maruu akka diina itti ta'an; Rabbi Yaaqoobitti ajaja baase; Yerusaalemillee isaan jiddu'utti akka waan batti'iititti laallamte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xiyoon harka ifii badhitteerti; ka isii jajjabeessu ammoo hin jiru. Ollooti isi'ii duudiin sanyii Yaaqoobiititti diinota akka itti te'anu Waaqi ajajeera. Yerusaalem odduu isaaniititti xomorootteerti.