Lamentations 1:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma gurri isi ya bade; isiini ya qulla buute ch'eerati hafte. Isiini waate ch'eeraafi fuula ufi d'ofatte. Yerusalemu ya daba hamani ufi t'ureesite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yerusaalem cubbuu guddaa hojjatteerti; kanaafuu ta battoofte taateeti; ka isii kabajje maruu isii tuffate; akka isiin qullaa jirtu waan arganiif; isiinuu hin gugungumti; uf duuba gara galteerti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yerusaalem cubbuu guddoo hujjee xomorootteerti; isaan waan duwwaa isii dhagganeef, worri isii ulfeessanu marti tuffataneeran; isiinuu aadiisaan, fokko'oon fuula ifii achi garagalti.