Leviticus 10:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Musani waan Harunifi ilmaani isaa Eleazarifi ithamarini jed'e mata keesani filachu illakisina, yokhaani woya teesani tarsaaftani laalala ingarsiisina. Yo isani akasi tolchitani indootani, ammalle AABBO Waaqi gumi ch'ufati dallana. Ammo obleyaani teesani ta Israeli ha worra Waaqi ibidaani fit'e kani jette bootu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Muuseen Aarooniin, ijoollee Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin, «Akka hin duune, lolli Rabbii banii maraa irratti akka hin buune gadditanii mataa hin haadatinaa'a, uffatallee uf irratti hin bibbiinxinaa'a; garuu worra Rabbi ibiddaan gubee isaan fixe maraafuu booyaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii Ele'azaarii fi Itaamaariin, «Isin akka hin duuneef, Mootiin Waan Maraa kolba'atti akka hin mufanne, gadditanee rifeensa mataa keessanii filatiisa hin dhabina'a! Woyaa teessanille hin tarsaafatina'a! Garuu obboleeyyan teessan ta Mootiin Waan Maraa ibiddaan fixe saniif firri keessan Israa'elooti marti bowuu hin dande'an.