Leviticus 12:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa isiini ulmaa baate qulqulloofte, ilma d'iira yokhaani ta dubra taanaanile, isiini ha fulla balbala Waaro Woyyuma elemo gunna toko, ka sorio gubani baasanifi sabaliisa guddafi diqale taanaani ka sorio dabaani ufi iraa baasani baafte qaallichatini d'uftuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa jiini wobaxaa dhiqattu dhumate dhiira, yookaan intala yoo ta'e, hoolaa woggaa tokkoo, ilmoo handari'ii, yookaan kuukurruu ciincaa dhiifamsa cubbu'uu balbala daasee wol gayi'iititti gara gadichaa haa fidduu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti.