Leviticus 13:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
qaallichi ha isa ilaalu. Yo rifeensi fulla suni addaate, madaani suni gadi qilate, gubatu suni ya d'ukubi hamani aka qomaat'a keesani bahe, qaallichi, Nami suni qulqullooniti jed'e, ha biyya beesisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gadichatti uf mudhisee nafti isaa sun yoo adii ta'ee huleen sun yoo foon keessa gad bu'ee jiraate, dhibeen kun dhibee gogaa kukkutu ka sababaa ibiddaatiin ta'e; kanaafuu gadichi nama saniin batti'i jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi baarilee san qorqoruu ti; rifeensi baarilee san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisaa addee gubatte san keessatti baye waan te'eef, hayyichi namichi battii akka te'e beessisuu ti.