Leviticus 13:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo madaani suni akuma qara kaani teeti, ka inguddatini yokhaani ka guddo imulane, isiini d'ukuba hama aka qomaat'aatiniti. Qaallichi inni qulqullo jed'e ha biyya beesisu; wonti akanatiifi wonti sunini gadaanisuma gubatuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu baccarroon sun gogaa irratti babadhata'aa uduu hin deemin hafee gogaan callaan yoo jijjiirame dhibee badaa nama shakkisiisuu miti; gadaannisa gubataa waan ta'eef nama saniin gadichi ati qulqullu'u jedhaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baarileen sun adduma jirtutti hattee gogaa keessa adoo hin babadhatin qoortee yoo jiraatte, gadaannisa iita addee gubatee qofa waan te'eef, hayyichi akka namichi qulqulluu te'e beessisuu ti.