Leviticus 13:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya torbeeso qaallichi ammalle ha mada suni ilaalu, yo isiini inguddatini, yokhaani yo isiini inqilatini, inni Nami sunini qulqullo jed'e ha biyya beesisu; nami sunini ha woya miich'ate ufi qulqulleesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa torbeesso'ootitti dhibee san laala; yoo madaan sun nafa isaa irratti babadhatee hin jiraanne, yoo nafa yookaan foon keessa seenee hin jiraanne, gadichi qulqullu'u isaan jedha; inni uffata ufii miicatee qulqulluu ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaa sun gogaa keessa dabartee babadhattee yoo hin jiraatin, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a.