Leviticus 13:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallichi ha ammalle guyya torbeeso isa ilaalu, yo madaani suni akuma qara kaani jiraate, ka hagasi ira inguddatini inni arge, inni ha, Nami kunini qulqullo jed'e biyya beesisuti; wonti sunini maduma male d'ukubaniti. Nami suni ha woya miich'ateufi qulqulleesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gadichi sun ammallee guyyaa torbeesso'ootitti isa laalee yoo madaan qooree qaama isaa irratti hin babadhatin, gadichi sun ati fayya'a; kun citto'o; uffata miicadhu hin qulqullooftaa» jedhaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi ammalle guyyaa torbeesso'ootitti isa qorqoruu ti; madaan sun qoortee gogaa keessa babadhatiisa lakkittee qoortee yoo jiraatte, dhukkubi sun robbii waan te'eef, hayyichi qulqullummaa isaa beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a.