Leviticus 14:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya saddeeteeso inni ha elemiye lamafi hoola d'ala ganna toko, ka kamu aabo inqamneefi mid'aani daakhani ka kilo sadii, ka d'ad'ani wolti makhanifi d'ad'a dulo toko qaallichatini d'ufuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Guyyaa saddeetesso'ootitti korbeessa hoola'aa lamaan ka mudaa hin qabne, goromtii hoola'aa ta woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne, kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii ka dhadha'aan sukkuumame, daakuu mishaa iifii tokko dhiyeessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Guyyaa saddeetesso'oo ammoo buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi gorontii hoole'ee buruusoo takkattii ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne dhikeessuu ti; akkasuma kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama jaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumantee fi zayitii ejersaa buttullee tokko fiduu ti.