Leviticus 14:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo namichi suni hiyyeesa taate waan baasu d'abe inni ha elemo toko ch'alla aka isa qulqulleesani gati sorio baasu, aka sorio suni olqabani, aka Waaqaa baasani garsiisani. Ammalle inni mid'aani daakhani d'ad'ani makhani ka kilo tokotifi d'ad'a dulo toko ha Waaqaa baasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namichi kana maraa dhiyeessuu yoo hin dandeenne ta'e akka araaraaf isaa ta'u korbeessa hoola'aa tokko ka ciincaa araaraa ta'ee Rabbiin afo'otti sosochoofamu haa fiduu; ka hafe sun gayaa gadichaa ta'a; kanuma woliin daakuu iifii tokkoo ka dhadha'aan sukkuumame ciincaa midhaanii woliin dhiyeessa; akkasuma dhadhaa ejersaa sadihi keessaa harka tokko dhiyeessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Te'uu malee, nami sun hiyyeessa te'ee waan kana dhikeessuu yoo dadhabe, cubbuu ifiitiif gumaa godhiisaaf, kennansa tachoofamu ka sababa yakka'aatiif dhikaatu buruusoo korbeessa hoole'ee tokko fuudhee, kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloo lama, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin fiduu ti.