Leviticus 14:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni ha sabaliisa gugurda lamafi yokhaani didiqa lama, toko ka sorio dabaani ufi iraa baasani, kaani ka sorio gubani baasani, d'ufuuni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma haguma hunni isaa danda'een handarii lamaa yookaan kuukurruu lamaa keessaa ka danda'e tokko ciincaa cubbu'uutiif, ka lammeesso'oo ammo ciincaa gubamuuf haa dhiyeessuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma saphaliisa lama yookiin maddoo lama keessaa ka dande'u, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, takkattii kennansa gubamuuf dhikeessuu ti.