Leviticus 15:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ookote faara ta namichi suni tuqele ch'absu malani, ammalle d'ameela mukha ka inni qabate ch'ufa d'iqu malani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faarri namni wonti akka bisaanii qaama isaa keessaa jigu tuqe, haa caccabuu; ka mukaa yoo ta'e maruu bisaaniin haa miicamuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Okkoteen nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u tuqe cadduu ti; meya muka irraa hujame yoo te'e bisaaniin dhiqamuu ti.