Leviticus 15:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami d'iiratifi ka uwa eegi woliini rafe worri lachu bisaani d'iqachu male, duuba haga aduuni d'iituti worri qulqullooniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhiirti yoo dubartii bira geette isaan lamaanuu bisaaniin haa dhiqatanii; lamaanuu haga galgalaatitti battii ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko dubartii woliin rafee, bisaan isaa ka sanyii te'u isa keessaa yennaa dhangala'e, isaan lamaanuu nafa ifii bisaaniin dhiqatanuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'an.