Leviticus 16:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kormafi korbeesa sorio dabaani ufi iraa baasani baasani, ka d'iiga isaani Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullootini d'ufani dabaani balleesani, ha olla keesaa alati baasani goga, fooni, marumale ch'ufa gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhiiga jibicha waan cubbu'uutiif gara mana woyyu'uu seeneetii fi re'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate sanniin gara raasa'aa baasee gogaa, foonii fi cumaa isaanii maraa ibiddaan guba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dardarrii fi korbeessi re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatane, ka dhiigi isaanii gumaa cubbu'uu tolchiisaaf addee irra caalaa woyyitti'ii seene sun, gogaan, foonii fi cumaan isaanii addee quttumaatiin alatti gad baasanee gubanuu ti.