Leviticus 16:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aada tana haga jiru jireenna ha guutani: guyya kud'anneeso ka jia torbeeso worra Israelitiifi nami gosa d'ibi ka worra keesa godaanuleeni ha ufi agabse huji ch'ufa lakisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kun seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'uu; guyyaa kana akka qulqullooftaniif araara waan isinii ta'uuf ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti sooma hin soomtan; isinii fi worri isinitti galeerullee hujii hin hojjatan; yoo san Rabbii keessan afo'otti cubbuu irraa qulqullooftan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Seerati bara baraa ka isiniif kenname ka asii gad jiru: ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti, Israa'elootii fi nami ormaa ka isaan keessa jiru marti ifi gad qabuu ti; hujii tokkolle hin hujin.