Leviticus 17:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni ka fooni bineensa ufiini duefi yokhaani ka bineensi d'ibiini ijeese nyaatu, Israeli taanaani, yokhaani nama gosa d'ibile taanaani ha woya miich'ate, nafa d'iqate, haga aduuni d'iituti tauti, duuba eege inqulqullaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni waan ufiin du'ee fi waan bineensi cabsee ajjeese nyaatu maruu nama biyyaa ta'ee'e yookaan galaallee yoo ta'e, uffata ufiitii fi nafa ufii bisaaniin haa miicatuu; inni haga galgalaa battaaya'a; achiin maayessa hin qulqullaaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Isin Israa'eloota keessa yookiin orma isin odduu jiru keessaa foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese nami nyaate, woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti haga galgalaa battii hin te'a; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.