Leviticus 2:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani daakhani, ka bukho qaba, tokole AABBO Waaqaa imbaasini; bukho yokhaani damma tokole gubdani AABBO Waaqaa imbaasina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan raacitii qabu dammallee yoo ta'e kennaa ibiddaan gubamu gootanii Rabbii hin dhiyeessitan; kennaan midhaanii ka Rabbiif dhiyeessitan maruu raacitii akka hin qabaanne;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamu woliin uukoo yookiin damma gubiisa waan hin barbaachinneef, kennansa midhaanii ka gubamu ka ati ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessa uukoon yookiin dammi hin jiraatin.