Leviticus 22:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo intalti qaallu ta d'iirsi iraa due, yokhaani ta d'iirsi lakise, ta ijoolle inqamne, ta galte worra abba keesa teetu, isiini sagale qaallu qooda abbaani isii argatu dandeete nyaati. Nami worra qaallu intahini sagale suni inyaatini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mucattiin gadichaa yoo abbaan worraa isi'ii du'e yookaan yoo isa jalaa baate, uduu finna hin arganne yoo gara mana abba'aa deebite, dhiyana abbaa ufii san haa nyaattuu; namni biraa ammo akka isa irraa hin nyaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Garuu intalti hayyichaa ijoollee adoo hin deyin dhirsi isi'ii yoo isii lakkise yookiin yoo du'e, isiin akkuma yennaa ijoollummaa ifii gara mana abbaa ifii yoo deebite, sagalee qooda abbaa ifii san nyaatuu hin dandeetti. Te'uu malee nami maatii hayyichaa hin te'in, sagalee san hin nyaatin.