Leviticus 22:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan atini Harunifi ilmaani isaatiifi worra Israeli ch'ufaani jettu: Hojja nami Israeli yokhaani nami gosa d'ibi, ka worra keesa godaanu, sorio gubani baasu, waan kakhu gula Waaqaa baasani taanaani, yokhaani waan fed'i ufi gula baasani taanaani, horini sunini aabo womati qabaachu himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Aaroon, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii maraanuu mana Israa'elii maraa keessaa namni galaa ta'ee isin keessa jiraatu maruu, namni fedha ufiitiin silatii Waaqaa kennu maruu kennaa ciinca'aa ka Rabbii ciincawu yoo dhiyeessu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ati Aaroniin, ilmaa isaatii fi kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa: Nama Israa'elii yookiin nama ormaa ka Israa'el keessa le'u keessaa, nami tokko waadaa gale yookiin kennansa gubamu fedhii ifiitiin ana Mootii Waan Maraatiif yoo dhikeesse,