Leviticus 22:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja nami sorio world'ageeti AABBO Waaqaa baasu, waan kakhu gula Waaqa baasani taanaani, yokhaani waan fed'i ufi gula baasani taanaani horini suni aabo womatu qabaachu himmalle, yo ka Waaqi fud'atu taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kamuu silatii ufii raawwachu'uuf yookaan fedha ufiitiin kennaa fayyumma'aa ciincaa dhiyeessu'uuf sangaa yookaan hoolaa yoo Waaqaa dhiyeesse akka isaa qajeeluuf ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko waadaa gale muummessiisaaf yookiin kennansa fedhii ifii kenniisaaf, loon keessaa yookiin hoole'ee fi re'ee keessaa kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu fudhatama akka qabaatuuf, ka fafa hin qannee fi komii hin qanne te'uu ti.