Leviticus 22:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hori kolaasani, yokhaani ka tumani, yokhaani ka kolaani mamadae ch'ich'ite AABBO Waaqaa imbaasina. Waan akana kana lafa teesani keesati ee injed'ani, ya seerani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Horii kolaafame, yookaan ka tumame, yookaan horii cabe, yookaan horii nafa isaa irraa hanqinna qabu Rabbii hin dhiyeessinaa'a; biyya keessanitti horii akkanaa kanniin hin ciinceessinaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Horii midhattiin isaa kolaafame yookiin tumame yookiin baqaffame yookiin murame ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hin dhikeessina'a. Lafa teessan keessatti horii akkasii kennansa hin dhikeessina'a.