Leviticus 23:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qit'a suni woliini elemiye ganna toko torbafi korma looni tokofi elemiye gugurdo lama, ta tokoleeni aabo inqamne baasa. Hori kana ch'ufa guba, AABBO Waaqaa baasa, mid'aanifi daad'i Waaqaa baasani woliini, aka akasiini ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Buddeena san woliin korbeeyyii torbaa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne, jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa lama ciincaa Rabbii gubamu gootanii kennaa midhaanii, kennaa waan dhuganii woliin, kennaa urgaayaa ibidda irratti Rabbii ciincawu gootanii dhiyeessitan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansa daabbo'oo kana woliin buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne, dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a! Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisuu te'anee dhikeeffamanuu ti.