Leviticus 23:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani kud'anneeso, ka jia torbeeso, guyya wogaa, ka daba gumi iraa fuud'ani. Guyya suni woma inyaatina, agabu oola; wolti baha Waaqa kad'ad'a sorio gubani AABBO Waaqaa baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ji'a torbeesso'oo guyyaan kudhaneesso'oo guyyaa araaraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san homaa hin nyaatinaa'a; kennaa midhaanii ka ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ji'a torbeesso'oo kanatti guyyaan kudhaneesso'oo, guyyaa gumaan cubbu'uu tolfamu te'uu ti. Guyyaa kana ifi gad qaba'a; yaa'ii woyyittii godhadha'a; kennansa ibiddaan gubamulle Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.