Leviticus 23:36 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Torbaani suni keesa guyya ch'ufa sorio guba, AABBO Waaqaa baasa. Guyya saddeeteeso ammalle wolti baha, Waaqa kad'ad'a; sorio guba AABBO Waaqaa baasa. Guyyaani suni guyya kad'achati, huji inhojatina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa torbaa maraa kennaa Rabbiif ciincawu dhiyeessitan. Guyyaan saddeetesso'oo guyyaa Rabbiin itti waaqeffattan isinii haa ta'uu; guyyaan kun guyyaa addaa ka Rabbiin itti waaqeffatan; kanaafuu hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa torbaanuu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'aatii kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaan sun guyyaa yaa'ii muummessitanu waan te'eef ijjumaa hujii hin hujina'a.