Leviticus 23:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Tunini jila AABBO Waaqa tolchani, ka isani wolti baatani AABBO Waaqa kad'atani ammalle woi gubdani sorio baaftanifi, mid'aani, hori, daad'i, akuma guyya ch'ufa isani iraa fed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa waaqeffannaa keessan raawwachu'uuf wol geettan ciincaan Rabbiin ittiin kabajju'uuf dhiyeessitan ka nyaataa ciincaa gubamu, kennaa midhaanii ka biraallee kennaa daadhi'ii akka barbaachisutti kennaan guyya guyya'aan ayyaanaaf dhiyeessitan kanniin fa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
« ‹Guyyooti jilaa ka ana Mootii Waan Maraatiif filamane, ka isin kennansa gubamu, kennansa midhaanii, ciinca'aa fi kennansa daadhii woyni'ii guyyaa isaaniif murteeffametti ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan dhikeessiisaaf, yaa'ii woyyittii itti lassitanu isaan kana.